ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Kaabinoonni Bilxiginnaa maqaa seeraa dahoo godhachuun sobaan immoo faayidaa dhuunfaa isaanii argannaan yakkoota garaa garaa hojjechaa kan oolan hanna cimaatti bobba’uun, maallaqa gargar qooddannaa irratti wal dhabuun walsaaxilaa jiru.
Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti Kaabinoonni Bilxiginnaa matta’aa hawaasa irraa nyaatan wal saaxilanii jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Jimmaa waajjiraalee adda addaa keessatti rakkoon malaammaltummaa daran cimee kan jiru yoo ta’u, Kaabinoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa yaadaa oolan hawaasa doorsisuu fi yakkoota adda addaa hojjechuuf qarshii hedduu matta’aa nyaatan walii isaaniitii wal saaxilanii miidhaa ulfaataa wal irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Guraandhala 1, 2025 Kaabinoonni magaalichaa matta’aa wal nyaachisuu dhabuu isaaniin walii isaanii gidduutti jeequmsa uumameen walii isaaniin wal saaxiluun miseensaa hanga kantiibaa magaalichaatti maqaa ”malaammaltummaa hojjettan” jedhuun wal himachuun wal hiisisuu fi aangoo irraa wal buusuu isaanii jiraattonni magaalichaa itti dhiheenyaan beekan itti dabaluun ibsanii jiru.
Kana duras, magaalicha guutummaatti matta’aa hawaasa irraa nyaachuun badii gurguddaa hawaasa irratti raawwachaa kan turan ta’uu isiniif gabaasnee turuun keenya niyaadatama.

