Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Jimmaatti murnoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha geggeessan

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Karaa isaaniif danda’ameen uummata Oromoo dararuuf kan itti bobbaafaman loltoonni kolonel Abiy Ahimed magaalaa Jimmaatti hawaasa jimaa gurgurachuuf magaalicha deeman irratti saamicha geggeessanii jiraachuun ibsame.

Uummanni godina Jimmaa oomisha bunaatti aansee jimaa oomishuun gabaaf dhiyeessee jiruu fi jireenya isaa kan geggeeffatu ta’uun kan beekamuudha.

Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 28, 2024 magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo bakka addaa Ajiippii jedhamutti ergamtootni sirnichaa Gaachana Sirnaa fi Poolisii Oromiyaa jedhaman uummata baadiyyaa naannoo magaalaa Jimmaa jiraatan kanneen jimaa gurguruun ofii fi maatii isaanii jiraachisan akkuma duraan baranitti jimaa qabatanii gabaa yommuu geeffatan, tiksitootni PP kun  “gabaa seermaleedha” jechuun bakka uummanni jimaa gurguratutti jiraattota kana irraa jimaa saamuun reebicha hamaa fi doorsisa adda addaa irraan ga’uu maddeen keenya eeran.

Gama dinadgeen uummata magaalaa Jimmaa quucarsuuf hojjechaa kan jiran faashistootni PP, yeroo adda addaatti kaffaltii gosa adda addaa itti kaasuun maallaqa guuraa jiraachuu fi magaalichatti dhiibbaan mirga namoomaa garmalee hammaachuun uummanni dararaa ulfaataa argaa akka jiru itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version