ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Bilxiginnaan sochii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa guutuutti taasisaa jiru yaaddoo itti uumuun, sodaa diddaan siyaasaa bifa haaraan hawaasa Oromoo hirmaachisee Oromiyaa keessatti deemaa jiru kun barcuma aangoo kiyyaaf dhiibbaa qaba jedhee uummata afaan qabachiisuuf dararaa jabeessee jira.
Sababoota waraana bilisummaa Oromoo deggertan jedhuun hacuuccaa haaraa, nama beekamaa fi kabajamaa hidhuu, ajjeessuu, imaammata cunqursaa haaraa guyyuu qabatee kan as ba’u sirni bilxiginnaa guyyoota lamaan darban godina Jimmaatti waltajjii lukkeelee isaa teessisaa tureen sochiin waraana bilisummaa Oromoo magaalaa kana keessatti babaldhachaa jira jechuun namoota haaraa hordofuun akka hiisisan murtoo dabarsanii turan.
Doorsisaa fi dararaa qabatanii gara uummataattis gad-ba’uun Waraana Bilisummaa Oromoo isintu ijaaree jira, qabeenyaan deggeraa jirtu, kanaaf xiyyeeffannoon uummata mana hidhaatti guuruu qabna jechuunis haalduree xumuraanii jiraachuu dubbatu.
Godinuma Jimmaa aanaa Shabee Somboottis torban darbe caasaan PP hawaasa qonnaan bulaa horii isaa gabaa baafate irratti goolii kaasuun miidhaa qaamaaf namoota akka saaxilan himameera.
Sababni wal dhabdee isaaniis hawaasni bakka loon gabaa baasee gurguratutti loon tokkotti qarshii 500 fi hoolotaa fi re’ootatti qarshii 300 kaffaluu qabduun erga dirqisiisaniis akka ta’e jiraattonni ONM’tti himaniiru
Gama biraatiin ammoo PP’n akka magaalaa Jimmaa fi aanaalee godina jimmaatti nama fuula haaraatu seenee jira jechuun naannoo mana sabboontotaatti shakkii qabaniin guyyaa fi halkan qaama tikaa, baasastota, milishaa fi pooliisiin eegumsa sochii namootaa taasisaa akka jiranis himameera.

