Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kaaba Lixa Shaggar mooraalee garaa garaa keessatti Waraana haaraa simatee yeroo dheeraaf leenjisaa ture eebbisiisuu beeksise 

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti lolee lolchiisaa, humna haaraas leenjii loltummaa fi siyaasaa barsiisee gurmuu isaa gabbifachuuf kaadhimamtoota waraanaa Kaaba Lixa Shaggar moonaalee leenjii garaagaraa keessatti leenjisaa ture moonaa 3 keessatti eebbisiisee dirqama itti aanuuf bobbaasee jira.

Da’oo fi bosona isaa uummata isaa godhachuun hojii isaa kan itti fufe gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo moonaa leenjii garaagaraa keessatti yeroo dheeraaf leenjisaa kan ture bakka hogganoonni waraanaa fi hawaasni bal’aan argamanitti Eebila 24, 2023 walitti fiduun moonaa 3 keessatti bifa ho’aa ta’een eebbisiisee jira.

Sirna eebbaa bakkoota sadan irratti argamuun haasaa kan taasisan hogganoonni Waraana Bilisummaa Oromoo, kaleessa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, har’a ammoo Miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uun, beelaa fi dheebuu, akkasumallee dadhabbii moonaa leenjii obbaafachuun guyyaa har’aa eebbatti kan dhiyaattan baga gammaddan jedhan. Yeroo qabsoon keenya rarraga bilisummaa irra ga’ee jiru kanatti saba keessaniif of laattanii qabsichatti xumura gochuuf lubbuu keessan bakka bu’aa hin qabne saba keessaniif irbuu keessaniin mallatteessuuf qophooftanis jedhaniiru.

Hiree murteeffannaan sabichaa hanga mirkanaa’utti leenjisuu fi bobbaasuun ittuma fufa kan jedhan ajajoonni WBO kunneen, akka hin taanetti du’a hin taane du’uu irra, saba ofiif falmatanii du’a gootaa du’uun ayyaantummaadha, mirga boortaadhaan dhabne boortaadhaan deebifanna jechuun sabni keenyas akka sabaatti aarsaa bilisummaan barbaaddu kaffaluuf of qopheessuu qaba jechuun ergaa qaban dabarfataniiru.



Exit mobile version