Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Wallootti kaadhimamtoota haaraa yeroo dheeraaf leenjii waraanummaa fi barnoota siyaasaa kennaafii ture bifa milkiin eebbisiise

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Jaarmiyaan ABO-WBO humna waraanaa Oromoo gitu kan Oromoo irraa diinaa fii gabrummaa buqqisee Oromoo walaboomsee Oromiyaa tiksu ijaaruuf Qeerroo fi Qarree simatee leenjii waraanummaa fi barnoota siyaasaa akkasumas barruulee garaagaraa bifa adda ta’een kennaafii ture eebbisiisee dirqama itti aanuuf bobbaasuu itti fufeera. 

Akkuma kanaanis, Zoonii Kaabaa godina Wallootti kaleessa Adoolessa 27, 2024 dhaloota gabrummaa jibbe kanatti hidhannoo sammuu fi mudhii tolchuun kaadhimamtoota yeroo dheeraaf barnoota adda addaa kennaafii ture bifa hoo’aa  ta’een eebbisiiseera.

Eebba kaadhimamtoota kanneenii irratti ajajaan WBO Zoonii Kaabaa Jaal Qeerrensoo Waayyuu irratti argamuun haasaa taasisaniin ergaa baga guyyaa Eebbaa geessanii dabarsaniin, nuti yoomillee qabsaa’aadha qabsaa’aa jechuun hadhaa bifa kamiillee dhamdhamatee rakkoodhaaf kan hin jilbeenfannee fi jabaatee fuula duratti deemee galma barbaade sana ga’uudha jechuun, yeroon ammaa kun yeroo nuuf murteessaa sabni keenya ammoo irree keenya irratti hirkatee bilisummaa arguuf jiru waan ta’eef, irree keenya jabeeffachuu nu barbaachisa jedhan Jaal Qeeransoo Waayyuu.

Itti dabaluunis Waraanni Bilisummaa Oromoo akeekaa fi kaayyoo ganamaa galmaan ga’uuf ‘Imala Bilisummaatiif’ wareegama baasaa ture baasaas jira jechuun wareegama isaa guduunfee biyya abbaa isaa ijaaruuf taasisuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Exit mobile version