ONM-ABO Hagayya 29, 2023
Hanga hiree murteeffannaan sabichaa mirkanaa’utti lolli bilisummaaf taasifamu kan itti fufu yoo ta’u, Waraanni Bilisummaa Oromoo aarsaa bilisummaan barbaaddu baasaa, miseensota haaraa hadhaa gabrummaa baachuu dadhaban simachuun leenjisee bobbaasuu itti fufee jira
Hagayya 27, 2023 Zoonii Lixaa, Konyaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti kaadhimamtoota hedduu simachuun yeroo dheeraaf leenjii ga’oomina qabu, kan waraanummaa fi Siyaasaa kennaafii erga tureen booda bifa hoo’aa fi hawwataa ta’een eebbisiisee dirqama itti aanuuf qopheesseera.
Qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo naannichaa sirna eebbaa kana irratti argamuudhaan eebbifamtootaan baga gammaddan jechuun, haala yeroon wal qabsiisanii ergaa qabanis dabarfatanii jiru.
Dafqi har’a jabeenya qaamaatiif asitti buusaa turtan, boru dhangal’uu dhiigaa fi cabuu lafee oolcha waan ta’eef, qorraa fi aduu akkasumas dadhabbii dirree leenjii dandamachuun xumurtanii har’a eebbaaf kan dhiyaattan baga gammaddan, baga ittiin isin ga’e jechuun, yeroon amma keessa jirru, yeroo itti of ijaaruu fi of gurmeessuu irra darbinee sadarkaa impaayericha jigsinee daangaa biyya keenya qulqullittii sararachuutti dhiyaannee waan jirruuf, warra qabsicha xumura itti tolchee daangaa Oromiyaa sararuun biyya abbaa keenyaa Oromiyaa Walabamaa fi birmaduu taate dhaloota dhaalchisu ta’uuf jabaannee fi onnannee hojjechuu qabna jechuun dubbataniiru.
Leenjisuu fi bobbaasuun golee Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufa, ammas gara fuula duraatti ilmaan Oromoo saba ofiif of kennanii garbummaa saba isaanii irraa fonqolchuu barbaadan simannee leenjii ga’oomina qabu kennuufiin kan itti fufu ta’uu dubbachuun, kaadhimamtoota eebba irra turaniin, warra irbuu keessan eeggatee galmaan ga’u uumaan isin haa taasisus jedhaniiru.

