ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Gareen maafiyaan PP gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo badeera, dadhabeera, harka kennachaa jiru, dhokachaa jiruu fi dhibbentaa 90 fixneerra jedhus holola isaanii sobsiisuun dirree irratti lolaan ajjeesaa fi boojiaa humna isaa daran jabeessuuf ammoo humna haaraa leenjisee bobbaasaa jira.
Haaluma kanaan gootichi WBO Zoonii Lixaa Adoolessa 9, 2025 ilmaan Oromoo roorroo abbaa irree PP’n uummata Oromoo irratti diriire mormuun ba’an ofitti fudhatee leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture xumursiisee dirqama itti aanuuf bobbaasee jira.
Eebba kana irratti hoogganaan mooraa leenjii Jaal Falmii Tufaa ergaa eebbifamtootaaf dabarsaniin, WBO’n rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru keessaa baasuuf jabaatee fi irbuu goototaa eegee cunqursaa gombisee bilisummaan bakka buusuu qaba jedhaniiru.
Fuulduras mooraan WBO osoo yeroo tokkoof hin dhaabbanne dirree irraa dhukaasaa fi hawaasa barsiisaa mooraatti ammoo humna haaraa fi qondaaltota akkasumas ogeeyyiif leenjii fi barnoota kennuu itti fufa jedhan.
Uummanni Oromoos karaan ittiin garbummaa jalaa ba’u karaa qabsoo hidhannoo ta’uu baree waraana isaa daran jabeessuu qaba, hayyootni Oromoos waan danda’an cufaan cinaa dhaabbachuu akka qaban waamicha dabarsaniiruuf.

