ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo garbummaa jaarraa lakkoofsise Oromoo irraa kaasee sirna haqaa fi diimokiraasii ilmaan isaan Oromoo bilisoomee fi Oromiyaa walaboomte irratti ijaaruuf qabsoo hadha’aa geggeessaa jira.
Qabsoon abdii miliyoonotaa ta’e kun akka milkaa’uuf ammoo qeerroo fi qarree gaaffii quuqama saba isaaniif qaban ofitti fuudhee leenjii waraanummaa fi siyaasaa kenneefii xumursiisuun dirqamaaf bobbaasaa jira.
Akka kanaanis gidduu kana gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kaabaa godina Walloo keessatti ilmaan Oromoo ofitti fudhatee leenjii waraanummaa dirree fi caayaatti akkasumas siyaasaa xumursiisee eebbiisee jira.
Leenjii kana irrattis qondaaltotni WBO argamuun haala uummatni Oromoo keessa jiruu fi toora qabsoo hordofamuu qabu ibsuufiin naamusa Waraana Bilisummaa Oromoo isa dhugaa uffachuun saba isaaniif guca bilisummaa ta’uuf of kenniinsaan akka hojjetaniif dhaamsa dabarsaniiru.
Qondaalli waraanaa Abiy Ahimed Itti aanaan Iizii Kibbaa Meejer Jeneraal Admaasuu Alamuu WBO baatii 2 keessatti ni balleessina jedhus waraanni bilisummaa Oromoo sadarkaa baduu mitii dadhabuu irra iyyuu osoo hin geenye humna dabalataa daran itti leenjisaa jiraachuu gabaasaan Zooniilee waraanaa WBO irraa nu qaqqabu ni addeessa.

