Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kaabaatti Humna Haaraa Leenjii Waraanummaa fi Siyaasaa Kennaafii ture Xumursiisuun Eebbisiise

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Qabsoo bilusummaa uummatni Oromoo bifa qindaa’aan waggoota 50 oliif geggeessaa turetti milkiin xumura itti gochuuf dargaggoota Oromoo garbummaa fi roorrifamuu saba isaanii jibban ofitti fudhatee leenjisee dirqama dachaan bobbaasaa jira.

Sadaasa 7, 2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kaabaa godina Walloo keessatti ilmaan Oromoo sirna kolonii saba isaanii irraa buqqisuuf leenjii yeroo dheeraa gama ga’umsa qaamaa, shaakala dirree  fi saayinsii waraanaa akkasumas barruulee Dhaabaa, Warraaqsaa fi Sagantaa Siyaasa Dhaabaa barataniiru.

Eebbifantootni kun leenjii tooftaa waraanaa fi haala qabatamaa impaayerattiin keessa jirtu barsiifamuun dirqama isaanii sirnaan akka ba’aniif kallattiin kaa’ameera.

AJajaan Zoonii Kaabaa Jaal Qeeransoo Waayyuu eebbifamtootaan qabsoo jaallan qaqqaalii itti dhamnee fi Oromiyaa jiituu harka galfachuuf socho’aa jirrutti tokkummaan wal taanee diina dura dhaabbachuu qabna jechuun ergaa dabarsaniifitti dabalatee mooraan leenjii jabaatee WBO haaarawwaa oomishuu itti fufa jechuun isaanii barameera.

Exit mobile version