ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023
Waraanni Bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa keessatti loloota jajjaboo gaggeesuun diina buqqisee duubee baafachuun miseensota haaraa ofitti fudhatee leenjii kennuufiin xumursiisee gurmuu isaa babal’ifachuu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan WBO’n Zoonii Giddugalaa Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar kaadhimamtoota Waraana Bilisummaa Oromoo ofitti simatee leenjii Siyaasaa fi Waraanummaa kennaafii ture xumursiisuun Onkoloolessa 22, 2023 eebbisiisuun dirqama itti aanuuf qopheessee jira.
Sirna Eebbaa kana irratti kan argaman qondaalonni WBO haasaa taasisaniin, eebbifamtootaan baga kanaan isin ga’e erga jedhaniin booda, haala jajjabduu keessa Obsaa fi Murannoon darbitanii eebbaaf geessaniittu, isin Warqee ibiddaan qaramee ba’eedha, saba keessaniif faayadha, sabni keessanis isin qabaachuu isaatti ni boona, ni gammadas jedhaniiru.
Haala amma jirru kanaan itti fufnaan guyyaan Bilisummaa fagoo hin jirtu jechuun hawaasni Oromoos qabsoo isaa rarraga bilisummaa irraan ga’amaa jirtu, kana akka qaroo ija isaatti tiksee asiin ga’ate kana irratti hirmaatee xumura itti horuuf of qopheessuu qaba jedhaniiru.
Duuti manattuu hin ooltu, mana teenyee du’a haadhaa fi abbaa keenyaa ilaalaa hidhii xuuxaa du’uu irra, akka dhiiraatti falmannee wareegamuun murtii sirriidha, kanaafuu murtiin keessan murtii sirriidha, ittuma fufuun warra murtii akkasii murteessuun gara keenya dhufan simannee barsiisnee isinitti makna jechuun, leenjisuu fi lolchiisuun itti fufas jedhaniiru.

