Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhaabni ABO-WBO Zoonii Kibba Baha Oromiyaatti kaadhimamtoota haaraa yeroo dheeraaf leenjii siyaasaa fi waraanummaa mooraa lama keessatti kennaafii ture  eebbisiisuun dirqama itti aanuuf bobbaasuu beeksise

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

WBO’n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa kaadhimamtoota haaraa yeroo dheeraaf leenjii siyaasaa fi waraanummaa mooraa lama keessatti kennaafii turee fi ogeessota siyaasaa (dabballoota) barsiisaa tures haala hoo’aadhaan eebbisiisuun dirqama itti aanuuf bobbaasuu beeksise.

Leenjiin kun kaadhimamtoota hojiin isaanii bu’a qabeessa ta’een kan raawwatame oggaa ta’u, sochii siyaasaa ilaalchisee qajeelfama seeraa fi naamusaan masakameen barnoota kennaafii akka tures ONM odeeffateera.

Akka hooggansi WBO Zoonichaa himanitti marsaan kun leenjii bu’uuraa barnoota siyaasaa fi waarummaan bifa ajaa’ibsiisaan kennamaafii akka tures kan himan oggaa ta’u, dandeettii waraanaa bu’uuraa, naamusaa fi dandeettii qaamaa akkasumas sammuu kennaafii akka turan dabalataan ibsameera.

Hariiroon waraanaa fi siyaasa gidduu jiru wal fudhachuun diina injifachaa saba ofii ijaaruu yoo ta’u, Waraanni Bilisummaa Oromoo hooggansa sirrii jalatti galma isaa milkeessaa uummata isaaf wabii ta’uu qaba jechuun himaniiru.  

Leenjii waraanaa fi siyaasaa miseensota haaraaf kenneen cinatti dabballoota siyaasaafis barnoota siyaasaa dandeettii hubannoo waliigalaa WBO fi ijaarsa uummata keenya guddisuu irratti kennuufiin xumureera.  

Exit mobile version