• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti saamichi jiraattota irratti loltoota sirnichaan raawwatu cimee itti fufe

Dec 16, 2024

ONM-ABO Muddee 16, 2024 

Kutaalee Oromiyaa mara keessatti mootummaan garboomfataan bilxiginnaa maqaa garaa garaatiin loltoota isaa bobbaasuun saamee saamsisaa kan jiruu fi uummata Oromoo gama dinagdeen illee garmalee quucarsaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Torbee darbe irraa eegaluun magaalaa Jimmaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “deggarsa paartii badhaadhinaa” jedhuun jiraattota magaalichaa irraa dirqamaan qarshii  1,000 tokko tokkoon isaanii irraa  fudhachaa  jiraachuu jiraattonni saamaman kunneen ONM’tti himan.

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, bulchiinsa magaalaa Jimmaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu yeroo yeroon saamaa jiraachuu himuun, qaala’iinsa gabaa waliin wal qabatee hawaasni rakkoo hamaaf saxilamaa jiraachuus dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading