Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti maqaa kooridariin rakkoon dinagdee hamaan jiraattota mudataa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025 

Murni gabroomfataa impaayerattii maqaa “kooridarii fi misooma magaalaa” jedhuun hawaasa Oromoo magaalaa jiraatan jalaa manneen diiguun rakkoo dinagdee ulfaataa irraan gahaa jira. 

Bulchiinsa magaalaa Jimmaa guutummaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa kooridarii da’oo godhachuun manaa fi mooraa jiraattotaa diiganii balleessuun rakkoo dinagdee ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Maqaa kooridariin manneen hedduu ta’an yoo diigaman “qorqoorroo Adaamaan malee hin ijaartan” jechuun ergamtoonni sirnichaa dirqamaan jiraattota bichisiisaa kan jiranii fi kana sababa godhachuun abbootiin qabeenyaa fi murnoonni bilxiginnaa waliin ta’uun meeshaalee irratti gatii dabalanii jiraattota magaalichaa dinagdeen quucarsaa kan jiran ta’uun beekamee jira.

Jiraattonni yeroo isaan qorqoorroo Adaamaan mana isaanii ijaarratan ammas diigsisuun “dhagaan ijaartan malee hin ta’u” jechuun dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, kun ammoo rakkoo qaala’insa gabaa magaalicha keessatti garmalee dabaleen wal qabatee jireenya uummatatti ulfeessaa jiraachuun ibsameera. 

Gatii zayitaa irratti qarshii 250, buna kiiloogiraama tokko irratti qarshii 200 dabaluu isaanii akka fakkeenyaatti kaasuun waan gabaatti gurguramu ta’ee kan gatiin isaa hin dabaliin kan hin jirre ta’uu jiraattonni magaalichaa ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version