Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti loltoonni bilxiginnaa manneen daldaltootaa gubuun himame

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Magaalota Oromiyaa cufa keessaa bilxiginnaan karoora maqaa “babal’ina lafa magaalaa” jedhuun manneen hawaasaa diiguun rooba keessatti kan hambisaa jiru yoo ta’u, addatti immoo daldaltoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun manneen hojii fi jireenyaa jalaa gubuun itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti ergamtoonni bixiginnaa manneen daldaltootaa gubuun himamee jira.

Fulbaana 26, 2024 magaalaa Jimmaa bakka addaa Bishiishee jedhamutti loltoonni bilxiginnaa halkan keessaa naannoo sa’atii 4:30’tti manneen daldaltootaa kanneen uffataa fi kophee qaban irratti gocha qisaasummaa dinagdee dalaguun manneen baay’inaan kudha shanii ol ta’an ibidda itti qabsiisanii gubuu jiraattonni magaalichaa ONM dubbise himanii jiru.

Jiraattonni kun akka himanitti ergamtoonni sirnichaa gocha kana irra deddeebiin magaalaa kana keessatti dalagaa kan jiran ta’uun waggaa tokkoo asitti bakka Leenca Afurii (Araat ambeessaa) jedhanii waaman fuldurattii manneen daldaltootaa gubuun ni yaadatama.  Yeroo ammaa kana immoo qaamoleen Bilxiginnaa ofii isaaniitii lafa uummata irraa buqqisan gamoo irratti ijaarrataa jiraachuu isaanii itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version