ONM-ABO Fulbaana 17, 2025
Roobii har’aa Fulbaana 17, 2025 godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti xumuramuu hidha haaromsa Abbayyaa ilaalchisee deggersa hawaasaa jechuun fedhii namootaa malee murni Bilxiginnaa aanaalee godinichaa mara irraa namoota 500-1000 waamuun ibsameera.
Hirirri kunis ajandaa lola gara fuula-duraatti murna Bilxiginnaa mudachuuf deemuuf irra jireessaan dargaggoota goyyomsuuf akka kaayyeffates maddeen keessoo sirnichaa kan himan oggaa ta’u, ajandaa Eritrea fi Egypt diina Itiyoopiyaati, dargaggeessi daangaa biyyaa tikfachuu qaba, ulaa galaanaafis namni hirmaannaa taasisuu qaba fi Hidhaa Laga Abbayyaa irraa gara Ulaa Galaanatti maqaa jedhuun bocamee kan qophaayee jira. Namni kamiiyyuu irraa hafuus akka hin dandeenye milishoonni fi humnoonni waraanaa manneen irra deemuun doorsisa geggeessaa jiraachuun ibsameera.
Yeroo itti uummatni impaayerattii keessatti argaman walakkaatti tilmaaman tajaajila elektirikii dhabuun rakkoo keessa jiranitti, Itoopiyaan of-irra dabarsitee biyyoota ollaafis humna ibsaa ni raabsiti kan jedhuun burjaajii uumuufis tooftaalee adda addaan gadi bahaa kan jiran ergamtoonni Bilxiginnaa, har’as eebba yeroo darbe hidhi guddichi kun eebbifameef biyyoonni hedduun afeeramanii turanis kan irratti argame 5 qofa ta’uun, gama dippiloomasii dabalatee kallattii maraan nageenya dhabuun sirnichaas biyyoonni irraa akka baqatan taasisaa jira.
Bu’uuruma kanaanis Bilxiginnaan rakkoo kana dhokfachuuf hiriira hidha Abbayyaa ilaalchisee godinaalee Oromiyaa fi naannoolee biroo keessatti qopheessuun uummatni na waliin jira jechuun itti warra dhiyaa goyomsuuf akka jirtu addeessaniiru.
Oduuma wal fakkaatuun, hiriirri kun godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloottis guyyaadhuma har’aa Fulbaana 17, 2025 waamamee kan jiru yoo ta’u, magaalichaa keessaa ibsaan ergii badee kan bubbule ta’uu fi uummatni rakkoo keessa jiraachuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

