Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti tumsa hidha haaromsa Abbayyaaf jechuun saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 30, 2025 

Murni Bilxiginnaa qabeenya impaayerattiin qabdu cufa humnoota waraanaa irra oolfachuun lola uummata irratti banee kan jiru oggaa ta’u, kasaaraa dinagdee fi dhiibbaa siyaasaa sirnichatti dhufee jiru irraa of bararuuf jecha saamicha qindaawwaa taasisuun kan beekamu yeroo ammaa kanas maqaa tumsa hidha Haaromsa laga Abbayyaa jedhuun hawaasa dararaa jiraachuun beekameera.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti misoomni sobaa fakkeessaa miidiyaa fi goyyomsaa siyaasaaf raawwachaa kan jiru ta’us, mootummoota addunyaa goyyomsuuf yaalii taasisaa kan jiran angaa’onni PP har’as dhibbentaa xumuraa irra geenyee jirraa fi gargaarsa xumuraa jechuun jiraattota godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee irraa qarshii dhibba sadii hidha Haaromsa Abbayyaaf guuraa akka jiranis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Naqamteetiin alattis uummanni godinaalee biroo saamichi tumsa hidha Haaromsa Abbayyaaf jedhu bifa qindaawwaan guuramaa kan jiru oggaa ta’u, kanneen qarshii gaafataman kaffaluu dadhaban hidhaan dararamaa jiraachuun ibsameera.

Koloneel Abiy Ahimed walgayii mana maree bakka bu’oota uummataa yaa’ii idilee 21’ffaa irratti miseensota paarlamaa duratti ijaarsi hidha Haaromsa Abbayyaa baatii ja’a booda ni xumurama jedhee dubbatus, har’a garuu dhugaan lafa irra jiru maallaqa uummanni dirqiin akka gumaachuuf afaan qawwee isaaniitti dhimma ba’anii doorsisaan guuraa akka jiran beekameera.

Yeroo aangootti dhufe hojii hidha laga Abbaay kana dhibbentaa 65 fuuchuun osoo jijjiiramni kun hin dhufnee ijaarsi isaa waggaa 10’tti hin dhumu jechuun kan dubbate Abiy Ahimed, dhibbeentaa 35 hafte waggaa 7’tti xumuruu dadhabuun yeroo tokko Muddee 2024’tti xumurraa, yeroo biraa ammoo baatii ja’a booda jechuun uummata waliin dha’aa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version