Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Lixaa Aanaalee Agaarfaa fi Gaasaraa keessatti saamichi maallaqaa jiraattota irratti hammaachuun ifoome 

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Godina Baalee Lixaa aanaalee Agaarfaa fi Gaasaraa keessatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaan gadi bu’uun hawaasa Oromoo aanota lameenii irratti saamichi ulfaataan geggeeffamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru 

Maddeen aanaalee lameenii ONM’f akka ibsanitti kanaan dura qawweetu isiniif bitamee naannoo keessan ittiin eeggattu maqaa jedhuun hawaasa irraa qarshii 10,000-15,000 saamuun galii dhuunfaa isaanii akka taasifatan dubbatu. 

Maallaqni saamames dantaa sababeeffamee guurameef irra kan hin oollee fi qawween bitamee hawaasaaf kennames kan hin jirre ta’uu kan himan maddeen, yeroo ammaa immoo akkuma amaleeffatame kaffaltii xumuraa fi naga’ee hin qabne maqaa buusaa gonofaa jedhuun qarshii 500 akka kaffalamu aanaalee godinichaa mara irraa dirqamni gadi buufamee jiraachuun ibsameera.

Kana malees godinichatti lafti isaanii irra jireessaan farda qabaachuun kan beekaman yommuu ta’u, jiraattonni aanaalee kanneenii gita konkolaataatti geejjiba gaarii fardaatti maayii bahuun beekamoodha.

Bu’uuruma kana sababeeffachuun tiksitoonni suphiinsa impaayerattiif dhama’an immoo jiraattota gaarii fardaan dafqanii hojjechuun jireenya isaanii adeemsifatanii fi dhuunfaanis ta’e kireessanii ittiin of jireessan kana, lakkoofsa gabatee fi heyyama seeraa itti baafachuu qabdu jechuun dirqisiisanii qarshii 5000 afaan qawween irraa saamaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan namoota guyyaa gabaa gaarii isaanii fe’atanii hojiif bobba’an qabanii heyyama gaafachuun, yoo heyyamni harkaa dhibe fardaa fi gaarii isaanii hojii irraa ugguranii lakkoofsa gabatee irraa buqqisuun waajjira gandaatti hidhanii guyyaa murtaa’e keessatti maallaqa hanga sitti murtaa’e hin fiddu yoo ta’e qabeenya kee deebitee hin argitu jechuun dararaa  jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version