ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Godina Baalee Lixaa aanaalee kanneen akka Dinshoo, Sinaanaa, Gaasaraa fi aanaalee godinichaa cufa keessatti maqaa gibiraa jechuun lafaa fi oomisha midhaanii galfamu akkasumas horiiwwan luka 4 hanga lukkuutti gibira irratti kaffalchiisuun uummata saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Akka seera kaffaltii gibiraatti kanaan dura baratamaa kan ture lafa qonnaa qofa irratti kan kaffalamu ta’uu fi gibiraan cinattis buusiiwwan garaagaraa gaafatamaa kan ture yoo ta’u, uummatni bara kana keessa immoo lafa qonnaa, manaa, horiiwwan kottee 4 hanga lukkuu irratti gibira gaafatamuun saamamaa kan jiran oggaa ta’u, gama kaaniin ammoo maqaawwan akka buusaa gonofaa, inshuraansii fayyaa, ijaarsaalee garaagaraa jedhu sababeeffachuun guuraa turuus ibsaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti haalli amma adeemsifamaa jiru kun saamicha daanga maleessa ta’ee fi kan jireenyaaf abdii nu kutachiisaa jirudhas jechuun kan himan jiraattotni, rakkoo ulfaataa fi jireenya nama hin feesisne keessa jirra, qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee mana keenya keessa jiraachuu iyyuu kan dadhabne caalaa saamicha nurra gahaa jiruun gara itti baqannus wal’aallee rakkina ulfaataa keessa jirra jechuuun addeessaniiru.
Murni Bilxiginnaa rakkoo siyaasaa fi dinagdee isa mudateen kufaatii hamaa keessa kan seenee fi rakkoo siyaasaa wal xaxaa keessatti kufee kan argamu yoo ta’u, gama biraatiin immoo liqii IMF mataa isaarra jiru galchuu sodaachuu irraan kan ka’ee fi amantaa IMF irraa argatee liqaa doolaara biliyoona 2.4 gadhiisifachuuf galii mootummaa guddisuu waan jedhuun uummata irraa maallaqa guuraa jiraachuun ni beekama.

