Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maqaa misooma investimentiin lafti qonnaan bultootaa Godina Baalee Lixaa Aanaalee garaa garaatti abbootii qabeenyaatti gurguramaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Murni Bilxiginnaa qonnaan bultoonni lafti isaanii akka harkaa fuudhamuuf godina Baalee Lixaa aanaalee akka Agarfaa, Gobbaa fi Diinshoo qarqara laga Waabee kaasee hanga Gaara Sannateetti abbootii qabeenyaa impaayerattii keessaa fi biyyoota bakkee irraa galchanii kennuuf qonnaan bultoota irraa buqqisaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Uummata aanaalee kanneenis murni Bilxiginnaa lafti isaanii akka harkaa fuudhamuuf erga walitti qabanii booda dirqamaan mallatteessaa jedhanii doorsisaa kan jiran yoo ta’u, kaleessa Caamsaa 21, 2025 abbootii amantaa, jaarrolee fi namoonni biroon bulchiinsa godinaatti walitti qabamuun maree irra akka turanis dabaluun himaniiru.

Waltajjiin marii abbootii amantaa fi maanguddoota biyyaa of keessatti qabatee geggeeffamaa ture kunis lafti keenya jireenya keenya, wabii fi eenyummaa keenya kanaaf morma keenya itti dhabna malee goonkumaa dabarsinee hin laannu kan jedhuun diddaa agarsiisaa akka turanis namootni itti dhiheenyaan hordofaa turan ONM’f himaniiru.

Bilxiginnaan bulchiinsa magaalaa Finfinneetti maqaa misooma koriidariin iddoowwan seensa magaalattii dabalatee bakkeewwan adda addaatti diigumsa manneenii raawwachuun, maqaa daandiiwwan gurguddoo magaalattii haaressuu fi bareechuu, daandii lafoo babal’isuu akkasumas ammayyeessuu jedhuun guutuu Oromiyaatti lafa isaa irraa uummata buqqisaa kan jiru yoo ta’u, dabalataanis bulchiinsa magaalaa Bishooftuutti maqaa buufata xiyyaaraa haarawaa ijaaruu jedhuun uummata beenyaa tokko malee lafa irraa buqqisaa kan ture gara godina Baaleettis babaldhisee hojjechaa jiraachuun beekameera.

Exit mobile version