ONM-ABO Hagayya 2, 2025
Baalee Lixaa magaalaa Roobee fi naannoo ishee keessatti tiksitoonni impaayerattii sodaa fi raafama guddaa keessa seenuun Waraanni Bilisummaa Oromoo godina Arsii irraa nutti ce’ee Baalee seeneera jechuun Adoolessa 30, 2025 irraa kaasee sochii geejjiba mootoraa fi uummataa daangessuun waraanni sirna dhableeyyii Abiy Ahimediin bobbaafamaa jiran kunneen akka waan biyya eeganiitti daandii gubbaa dhaabbachuun sarbamiinsa mirga namoomaa garaa garaa raawwachaa akka jiran maddeen ifoomsaniiru.
Godinuma kana aanaa Agaarfaa, Gaasaraa fi Dinshoo keessattis humnoonni impaayerattii uummata irraa mootora guuruun garanii waajjira poolisiitti walitti qabanii akka hin sochoone akeekkachisuun booda irra jirattoonni maallaqa kaffalanii qabeenya isaanii akka fudhatan taasisaa jiraachuu namoonni rakkoon kun irra gahaa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.
Sirni nageenya hawaasa bulchaan dirqiin nu deggeruu diddan jechuun dararaan humnoota waraanaa fi tikoota isaa golee Oromiyaa mara keessa bobbaasuun qe’ee qonnaan bultootaa mancaasuu fi lubbuu isaaniis bakkuma argetti baleessaa oolaa akka jiru taatewwan Oromiyaa keessatti guyya guyyaan ta’aa jiru ni agarsiisa.

