Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa bulchiinsaa magaalaa Roobee fi Gobbaa keessatti murni Bilxiginnaa waraqaa eenyummaa hin qabdan jechuun imaltootaa fi jiraattota irratti hidhaa fi saamicha hammeessaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Dhalli namaa jiruu fi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti wantoota bu’uura jireenyaa ta’an argachuuf bakkaa bakkatti socho’ee walitti dhufuun magaalaa uumee wal irraa bitee gurguruun bu’aa argatuun jireenya isaa adeemsifata.

Bu’uuruma kana sababeeffachuun jiraattota godina Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Roobee fi Gobbaa akkasumas hawaasa Oromoo kallattii garaa garaa irraa bittaa fi gurgurtaaf gara magaalota lamaaniitti walitti dhufan maqaa adda addaa itti maxxansuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni godinichaa rakkoo kana keessa beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Godinichatti ergamtoonni impaayerattii kan bulchiinsa magaalota lamaan keessatti argaman daandii hawaasaa seensa gara magaalaa Roobee fi Gobbaa irratti bahuun konkolattoota imaltoota baatan maqaa sakkatta’iinsa jedhuun dhaabanii hawaasa dararaa jiraachuutu himama.

Kunis shakkii haala yeroo fi namoota siyaasaatu keessatti argama sodaa jedhuun jirattoota hojjilee garaa garaaf socho’an ukkaamsuun waraqaa eenyummaa irraa funaananii “waraqaan eenyummeesaa keessan yeroon isaa irra darbeera, amma irraa kaastanii ittiin socho’uu hin dandeessan” jechuun mana hidhaatti guuruu fi gariin ammoo seeraaf adabamtanii haaromsattu jechuun saamicha maallaqaas hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Bulchiinsa magaalota lameenii keessatti kaayyoon isaanii sakattaa qofatti kan fuulleffates osoo hin taane namoota baadiyyaa garaa garaa irraa garasitti imalan malee jiraattota magaalaalee kanneenii irratti namoota hojii oolmaa guyyaa hojjetanii fi kanneen kurrukurruu (Koshineettii) lafa oofanii ittiin ba’aa adda addaa namaaf guuruun of jiraachisan maqaa waraqaa eenyummaa sababeeffachuun qabanii hidhanii dirree waraanaatti fe’uuf qopheessaa jiraachuus maddeen qabatamoon ONM’f addeessanii jiru. 

Dabalataanis magaalicha keessatti namoota jireenya harkaa gara afaanii jiraatanii fi maallaqa kaffalan hin qabne hidhuun cinatti reebicha ulfaataa irratti raawwachuu fi kanneen qarshii gaafataman kaffalan immoo hidhaa irraa hiikaa jiraachuu fi akkuma guutummaa godinichaatti jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa aanaalee godinichaa dararaa ulfaataa keessa jiraachuus dabalataan addeessaniiru.

Exit mobile version