Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Lixaa magaalaa Gobbaa fi Roobee keessatti hidhaan uummata nagaa irratti raawwatu hammaate

Baalee Lixaa magaalaa Gobbaa fi Roobee keessatti hidhaan uummata nagaa irratti raawwatu hammaate.

ONM – ABO – mudder 3, 2022 Murni bulchiinsa abbaa irree bilxiginnaan ilmaan Oromoo hundi sirna isaa hordofanii akka deemanii fi sodaa sirnichaaf qaban akka dabalan akkasumas qorqalbiin hawaasichaa akka cabuuf namoota nagaa sababa itti maxxansuun hidha irratti raawwata. Godina Baalee Lixaa magaalaa Gobbaa fi Roobee keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo kanatti fiddanii nu rukuchiisaa jirtu jedhuun namootni hidhaman baay’ataniiru. Erga Waraanni Bilisummaa Oromoo aanaa Gobbaa keessatti tarkaanfii fudhatee kaasee waraanni fi kaabinootni murna bilxiginnaa waliin ta’uun namoota nagaa hidhanii jiru. Namoota magaalaa Gobbaatti hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne Umar Jeeylaan, Adam Aliyyii, Kadir Jamaal fi Haaji Huseen kanneen jedhaman yoo ta’u magaalaa Roobee irraa ammoo Urjii Aloo fi Bilaal Tamaam, Tamaam Huseen abbaa fi ilma, Makkoo Baatii fi namoota hedduun kan maqaan nu hin ga’in jiraaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru. Murni bilxiginnaa karaa waraanaa fi dabballoota isaa uummata nagaan isintu Waraana Bilisummaa Oromoo godina Baalee Lixaatti fide jechuun hidhaan, saamichii fi ajjeechaan daran irratti jabaachuu akka danda’u waltajjiin doorsisaa turuu maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version