WBOn godina Baalee lixaa aanaa Gobbaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe.
ONM-ABO Sadaasa 29, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti tarkaanfii laalessaa waraana faashisticha Abiy Ahimed irratti fudhachuun diina adabuu itti fufee jira.
Kaleessa Sadaasa 28, 2022 WBOn waraana weerartuu bilxiginnaa WBO balleessuuf duula qindaa’aa geggeessaa jiran humni furgatuun zoonii kibbaa bahaa cibraan Madda Walaabuu Buttaan Jeneraal Waaqoo Guutuu godina Baalee lixaa aanaa Gobbaa ganda Sheedamii keessatti tarkaanfiin laalessaa fudhateen , 12 battalummatti yoo irraa ajjeessu , 14 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Harcaatota waraana bilxiginnaa kaleessa barii barraaqaan gara lafa WBOn jirutti humna magaalaa Roobee irraa dabalachuun dhufan sirnaan haleeluun baaragseera.
Lola kanaan cichaan kaayyoo WBOn diina ajjeese irraa meeshaalee waraanaa fi hidhannoo hiikkachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Tarkaanfii WBOn waraana bilxiginnaa irratti fudhatu Oromiyaa bakka cufatti itti fufa!
Injifannoon uummata Oromoof!

