ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Korommiiwwan Kibba Bahaa Oromiyaa godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa keessatti Cibraan Madda Walaabuu Bobbaa Irbuu Shinniggaan diina iddoo qubsuma isheetti itti dhaquun mooricha keessaa buqqisee baasee jira.
Halkan edaa Waxabajjii 4, 2024 godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa ganda Odaa Nageellee keessatti galgala toora sa’a 2:34 irraa hanga sa’a 5:49 diina iddoo qubsuma isheetti irriba dhorkuun rasaasaan iddee keessaa buqisee baasuun loltoota 11 battalatti irraa ajjeesuun 13 madoo dandammii hin qabneen adabuun meeshaale hedduu moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Haaluma wal fakkaatuun marartuwwan sabaa qaqqaaliiwwan WBO eduma waxabajjii 4 godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana faashistii PP bakka isheen jirtutti tarkaanfii irratti fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Kutaataan sabaa WBOn aanaa Adaabbaa ganda Maqqaallaa magaala Birbirsaa jedhamtu keessatti diina mooraa lama qubaatee ummata nagàa hidhaa, ajjeesaa, reebaa, qabeenya saamaa fi gubuun gochaa aadaa fi safuu uummataa cabsaa turtee fi itti jirtu mooraa lamaanitti marsee rasaasaan akaa’ee mooricha keessaa gugsee mana hawaasaatti baqachiisuun loltoota 15 irraa ajeessuun 21 maddesseera.
Meeshaale kanneen akka sanduqaa rasaasaa, bilbilootaa fi quunnamtii waraanaa irraa hiikuun moonaa qabsoof galii godhee jira.
Kana malees meeshaale nyaata isheen ittiin dhiyeeffatuu, uffaata ishee halkaanii fi guyyaa hedduu jalaa barbadeessuun mooricha onsee jira.
Haaluma wal fakkaatuun korrommiiwwan Gaara Sannatee humna birmannaa gara magaala Birbirsaatti baate haxxee itti hidhuun bittinessee iddoo lola hanqisuun of boodaa deebisee jira.
Warqileen Oromiyaa qaqqaaliwwan ilmaan sabaa WBOn godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Maqqaallaa iddoo addaa safaraa jedhamtu keessatti Bobbaa Irbuu Shinnigaan tarkaanfii laalessaa fudhateen kanaanis loltoota PP irraa 23 ajjeesuun 11 madoon adabee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

