ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Bobbaa Irbuu Shinniggaa guyyaa kaleessa Waxabajjii 28 baatii isaatti waloon tarkaanfii waraana faashistii PP irratti zooniilee cufa keessatti eegaleen Zoonii Kibba Bahaa keessatti diina du’aa fi madoon adabeera.
Halkan kaleessaa Waxabajjii 28 jajjabeen WBO Cibraan Nadhii Gammadaa godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa Goda Sadee jedhamtu keessatti diina yeroo dheeraaf ganda kana keessaa qubachuun uummalata dararaa turte iddoo qubsuma isheetti itti marsuun rasaasaan akaa’ee baarudaan uluun 13 irraa yoo ajjeessu 29 madeesseera.
Tarkaanfii kanaanis mooraa keessaa ari’uun faffacaatee akka bultu taasisee jiraachuun barameera.
Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

