Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa fi Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaa bifa haaraan kaleessa Waxabajjii 28, 2024  ji’a isaatti tarkaanfii waloo waraana faashistii PP irratti zooniilee cufa keessatti fudhachuu eegaleen saba boonsee lukkeelee bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran ammoo abdii kutachiisee diigumsa mooraa isaanii keessatti uumuu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Waxabajjii 28, 2024 ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun gootichi Abdii sabaa WBO’n buufata waraana maafiyaa PP Makaabee jedhamutti ol itti seenuun haleellaa jabaa hanga sa’a 7:00’tti taasiseen humna diinaa 6 ajjeesuun 9 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.

Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n ergamtoota murna bilxiginnaa mooraa isheetti itti seenuun haleele kanaanis reeffaa fi madoo gattee baaraagdee of booda deebiteee humna dabalataan kaaffachuun  barameera. 

Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’n dirree waraanaa Zoonii Kibbaas godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree jedhamtutti waraana maafiyaa Abiy Ahimed irratti kaleessuma Waxabajjii 28, 2024 ganama sa’a 1:00  irraa eegalee hanga sa’a 4:00’tti tarkaanffii laalessaa irratti fudhachuun watwaachisaa ooleera.

Tarkaanfii Bobbaa Irbuu Shinniggaa bifa haaraan geggeeffamaa jiru kanaan aanaa Galaanaatti loltoota PP 15 ol du’aan yemmuu adabu,  9 immoo madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.

Tarkaanfii kanaanis diina baaraagsuun olii fi gadi ari’ee baqachiisuun haamilee isheen lolaaf qabdu cabseera.

Gabaasa tarkaanfii WBO Bobbaa Irbuu Shinniggaa hordofnee isin beeksifna.

Exit mobile version