Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Dawwee Haarawaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM -ABO Waxabajjii 28, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaa bifa haaraan har’a Waxabajjii 28 ji’a isaatti tarkaanfii waloo waraana faashistii PP irratti zooniilee cufa keessatti fudhachuu eegaleen saba boonsee lukkeelee bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran ammoo abdii kutachiisee diigumsa mooraa isaanii keessatti uumu jabeessee itti fufe jira.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Haarawaa keessatti guyyaa har’aa Waxabajjii 28, 2024 ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun gootichi Abdii sabaa WBO’n buufata waraana maafiyaa PP Makaabee jedhamutti ol itti seenuun haleellaa jabaa hanga sa’a 7:00tti taasiseen humna diinaa 6 ajjeesuun 9 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.

Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n ergamtoota murna bilxiginnaa mooraa isheetti itti seenuun haleele kanaanis reeffaa fi madoo gattee baaragdee of booda deebi’aa jiraachuun barameera.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu hanga Bilisummaa fi Walabummaatti itti fufa.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version