ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Abdii fi gaaddisni sabaa WBO’n Zoonii Kaabaa godina Wallootti Bobbaa Irbuu Shinniiggaa sababeeffachuun tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufe.
Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakkoota garaagaraa keessatti dheengadda Waxabajjii 24, 2024 guyyaa sa’a 8:00 irraa eegaluun galgala hanga sa’a 3:00’tti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n ergamtoota Abiy Ahimed magaalaa fi mooraa isheetti itti seenuun magaalaa Cirrattii, Magaalaa Caffaa Roobit, Muluqqee, Qaraaruu fi Kaarra Kalootti tarkaanfii guggubduu waraana maafi’aa PP kan garaa isheef jiraattu irratti fudhateen, loltoota faashistii PP battalatti 36 ajjeesee 50 ammoo madeessuun meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikuun magaalicha keessaa ari’ee baasee yeroof erga to’ateen booda gadhiisee ba’eera.
Tarkaanfii akkaan boonsaa jajjabeen WBO fudhatee diina harcaase kanaanis loltootni murna bilxiginnaa 36 madoo cimaan hospitaala Kamisee galgaluma edaa yoo seentu kan hafte reeffaa fi madoo ishee gatuun magaalaa keessaa baqattee ol ba’uun humna dabalataa waammattee Dishqaa fi Zu 23 qe’ee hawaasaatti dhukaasaa turte.
WBO’n tarkaanfii isaa itti fufuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 25, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Giraar Jaarsoo seensa magaalaa godinaa Fiicheetti tarkaanfii fudhateen itti gaafatamaa poolisii godinaa Komaander Hasaniin madoo ulfaataan adabeera.
