Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Baatee keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Hagayya 12, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaa labsame sababeeffachuun tarkaanfii guggubduu diinaa filukkeelee diinaa irratti fudhachaa jiruun mooraa murna gabroomfataa PP irraan kasaaraa ga’uu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Haaraa Odaa jedhamutti kaleessa Hagayya 11, 2024 halkan keessaa sa’a 5:00tti gootichi abdii Sabaa WBO’n mooraatti itti seenuun lola hanga sa’a 9:00 taasiseen mooraa waraana weerartuu Abiy Ahimed bakka addaa Odaa jedhamuu guutummaatti barbadeesseera.

Haleellaa jabaa jajjabeen WBO ergamtoota murna bilxiginnaa irratti fudhatee barbadeesse kanaanis humni dabalataa duubaan magaalaa Fursee irraa dhufaa turtes baaraguun walii isaaniitti deebi’anii dhukaasa walirratti bananii wal haleelaa akka turan barameera.

Tarkaanfiin gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu itti fufuun aanaa Baatee bakka addaa Qilxuu jedhamutti Hagayya 11, 2024 galgala mooraa murna faashistii PP tti seenuun tarkaanfii fudhateen 4 ajjeesee 7 madeessuun kan hafte rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun mooricha keessaa baqachiisee gugsee yaaseera.

Bilisummaan dhiigaan ni dhufa❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version