ONM-ABO Caaamsaa 11, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu jabeessee golee Oromiyaa mara keessatti fudhachaa jiruun, ergamtoota murna bilxiginnaa ajjeesaa meeshaalee garaagaraa dugda ishee irraa hiikkachaa akkasumas lola keessatti harkaan qabee booji’uun injifannoo boonsaa Zooniilee cufa keessatti galmeessaa jira.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Qorii bakka addaa Odaa jedhamu keessatti kaleessa Caamsaa 11, 2024 korommiiwwan Kaabaa WBO’n ganama sa’a 2:00tti waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO da’oo godhachuun ganda Odaatti uummata nagaa ajjeesuu fi saamuuf bobbaate haxxee itti hidhuun osoo isheen konkolaataa fi humna lafoon deemaa jirtuu Paatroolii 1 guutummaattii daaressuun 12 irraa yoo ajjeesuu tokko jiraatti harkaan qabee15 ammoo madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.
Humna diinaa kan hafte rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun magaalaa Furseetti yoo deebisu, tarkaanfii akkaan boonsaa gootichi abdii sabaa WBO’n galmeesse kanaanis, gama meeshaatiin qawwee AKM 15 rasaasa AKM 300 akkasumas hidhannoo fi boombii hedduu irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.
Lolli WBO’n bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti fufa.
Injifannoon Uummaata Oromoof❗️

