Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM -ABO Onkoloolessa 26, 2024

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo sirna gabroomsaa Oromoorraa hundeen buqqisee Oromiyaa Bilisoomtee fi Walaboomte ijaaruuf tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu zooniilee cufatti jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti ganama har’aa Onkoloolessa 26, 2024 bilchiinsa magaalaa Qiciicoo bukkeetti kan argamtu bakka addaa Qurqura Hinnoo fi Hara jedhamutti lola jajjabeen WBO Cibraan Hasan Ammee ergamtoota maafiyaa PP waliin ganama sa’a 1:30 irraa eegaluun hanga waaree booda sa’a 8:00tti taasisaa ooleen humna diinaa irraa 36 ol ajjeesuun, madoo hedduun adabeera.

Waraanni faashistii PP madoo ishee ambulaansii 3, paatroolii 1 fi Isuzu tokkoon magaalaa Caffaa Roobitii fi Kamiseetti dabarsanii jiraachuun ibsameera.

Haleellaa jabaa warqiileen Zoonii Kaabaa Cibraan Hasan Ammee waraana weerartuu Abiy Ahimed uummata Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuun qe’eerraa buqqisuu fi WBO balleessina jechuun ajaja qaama isaanii olii irraa fudhattee bobbaate qaruuxeen WBO dursee odeeffannoo ishee argachuun haxxee itti hidhee dhukkee itti kaasuun du’aa fi madoon adabe kanaanis, loltootni murna Bilxiginnaa kun baaragdee of booda deebiteetti.
Haaloo tarkaanfii kanaas ganda hawaasaatti deebi’uun manneen gubaa kan turanii fi waaree booda humna dabalataa magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit irraa yaammachuun sa’a 11:00tti reeffaa fi madoo ishee konkolaataa 5’n Ambulance 3, Paatroolii 1 fi Isuzu tokkotti fe’anii deemuun barameera.

Lolli WBO’n Bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti fufa❗

Bilisummaan dhiigaan ni dhufa ❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version