Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii waraana faashistii irratti dirree fi mooraa ishee keessatti irratti fudhatu jabeessuun Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufeera.

Akka kanaanis har’a Waxabajjii 29 ganama sa’a 1:00 irraa eegaluun aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Laaftoo jedhamutti lola jajjabeen WBO waraana maafiyaa Abiy Ahimed irratti hanga sa’a 6:00tti taasiseen humna diinaa irraa battalatti 8 ajjeesuun 10 madoo cimaan geggeesseera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version