ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WOB’n Zoonii Kaabaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan Waxabajjii 23, 2024 irraa eegaluun walitti fufiinsaan tarkaanfii laalessaa Waraana weerartuu Abiy Ahimed irratti fudhachaa jiruun injifannoo cululuqaa galmeessu jabeessee itti fufeera.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti Kibxata Waxabajjii 25, 2024 sa’a 9:00 irraa eegaluun lola jajjabeen WBO mooraa Waraana Faashistii PP itti seenuun halkan keessaa hanga sa’a 7:00tti taasiseen humna diinaa irraa 63 ajjeesuun 45 madeessee mooraa diinaa raasee jira.
Lola leencootni Zoonii Kaabaa WBO’n moonaa waraana weerartuu PP magaalaa Caffaa Roobit itti seenuun fudhate kanaanis, hedduu ishee du’aa fi madoon adabuun kan hafte baaragdee humna dabalataa waammachuuf iyyachaa turte. Haleellaa rifaasisaa gootichi abdii sabaa irratti taasise kanaan meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godheera.
Impaayerri ni kufa❗
Bilisummaan dhiigaan ni dhufa❗
Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

