ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024
Cichitoonni kaayyoo haqaa jajjabeen Gaara Cilaaloo Cibraan Hambaa Aanolee godina Arsii Bahaa aanaa Jajjuu keessatti waraana PP maqaa Bobbaa Irbuu Shinniggaa fashaleessina jechuun bobbaate uummata nagaa jireenya dhorkuun mana keessaa bosonatti baasuun dararuuf ganda keessa yaatu uummatatti birmachuun dhukkee irraa kaasee gara magaalaa Jimaatee jedhamutti deebisee jira.
Tarkaanfii kanas guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 4, 2024 albuudotni Oromiyaa jibbitootni sirna gabroomsaa Cibraan Hambaa Aanolee aanaa Jajjuu kana keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii guggubduu fudhachuun olii fi gadi ari’ee battalatti loltoota 23 irraa ajjeesuun 9 madeessee qabeenya uummataa isaan saamanii turan irraa buusuun uummataaf deebisee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii isaa itti fufuun korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa keessatti Cibraan Madda Walaabuu Bobbaa Irbuu Shinniggaan diina iddoo qubsuma isheetti itti dhaquun haleelee mooricha keessaa buqqisee baasee jira.
Halkan dheengaddaa Waxabajjii 04, 2024 godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa ganda Odaa Nageellee keessatti galgala toora sa’a 2:34 irraa hanga sa’a 5:49’tti diina iddoo qubsuma isheetti hirriba dhorkuun rasaasaan iddee keessaa buqisee baasuun loltoota 11 battalatti irraa ajjeesuun 13 madoo dandammii hin qabneen adabuun meeshaalee hedduu irraa booji’ee moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Haaluma wal fakkaatuun marartuuwwan sabaa qaqqaaliiwwan WBO dheengadduma waxabajjii 4, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana faashistii PP bakka isheen jirtutti tarkaanfii irratti fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Kutaataan sabaa WBO’n aanaa Adaabbaa ganda Maqqaallaa magaalaa Birbirsaa jedhamtu keessatti diina mooraa lama qubaattee uummata nagaa hidhaa, ajjeesaa, reebaa, qabeenya saamaa fi gubuun gochaa aadaa fi safuu uummataa cabsaa turtee fi itti jirtu mooraa lamaanitti marsee rasaasaan akaa’ee mooricha keessaa gugsee mana hawaasaatti baqachiisuun loltoota 15 irraa ajeessuun 21 maddesseera.
Meeshaalee kanneen akka saanduqa rasaasaa, bilbilootaa fi quunnamtii waraanaa irraa hiikuun moonaa qabsoof galii godhee jira.
Kana malees meeshaalee isheen nyaata ittiin dhiyeeffattu, uffata ishee halkanii fi guyyaa hedduu jalaa barbadeessuun mooricha onsee jira.
Kana malees korrommiiwwan Gaara Sannatee humna birmannaaf gara magaalaa Birbirsaatti baate haxxee itti hidhuun bittinessee iddoo lolaa hanqisuun of booda deebisee jira.
Warqiileen Oromiyaa qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBO’n godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Maqqaallaa iddoo addaa Safaraa jedhamtu keessatti Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa fudhate kanaanis loltoota PP irraa 23 ajjeesuun 11 madoon adabee jira.
Lola guutuu Oromiyaa keessatti WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaa labseen kan rifate waraanni faashistii PP bakkoota hedduutti gamaggama jechuun qondaaltota sadarkaa gadii waliin dhimma riphee lolaa fi farra riphee lolaa jedhuun leenjii fi haaromsa kennaafii kan jiru yoo ta’u, tooftaa fi barnoota kamuu waraana goyyomsaa fi maallaqni walitti qabee waliin jiraachisaa jiru kanaaf yoo kennames sochii WBO’n bilisummaa fi walabummaaf taasisu dhaabuu hin danda’u jechuun hoogganni WBO Zoonii Kibba Bahaa ibseera.

