ONM-ABO Sadaasa 26, 2023
Irree fi gaachana sabaa kan ta’e WBOn godina Arsii aanaa Martii keessa socho’u Duula Imala Bilisummmaa Milkeessuuf tarkaanfii guggubduu fudhateen injifannoo boonsaa waraana faashistii PP irratti galmeessee jira.
Jimaata darbe Sadaasa 24, 2023 sa’a 11:00 irraa hanga galgala sa’a 1:30tti lola bakka saditti gaggeessaa tureen humna diinaa akka dansaatti adabee jira.
Korommiiwwan kibba baha Oromiyaa WBOn Cibraa Hambaa aanolee godina Arsii aanaa Martii ganda Wataroo-Diinootti waraana diinaa mooraa Ardaa Gobbaa keessa jiruu fi ganduma kana Ardaa Baqullaa jedhamu akkasumas ganda Wataroo-Diinoon kan waldaangessitu ganda Dambaqaa-Iftuu keessatti lukkeelee diinaa reebuun watwaachisaa ture.
Loltoota Abiy Ahimed mooraa lolamaa jirutti birmachuuf deemtu haxxee itti hidhuun rasaasaan harcaaseera.
Haxxee 1ffaa Dambaqaa Iftuutti diina paatroolii lama dhukkeessuun of booda yoo deebisu, haxxee 2ffaan Ardaa Baqullaa keessatti kan hidhameef yoo ta’u ajajaa sirnichaa dabalatee loltoota PP hedduu ajjeesuun, rasaasa bireenaa 1,500 raadiyoo qunnamtii fi mi’a ogeeyyota fayyaa hedduu irraa hiikuun mooraa qabsoo sabichaatiif galii godheera.
Warri lubbuun hafte mooraa keessaa baqattee hallayyaatti nam’itee kan bulte yoo ta’u, gariin magaalaa bultee ganama humna dabalattee dhaquun reeffa guurrattee, mana uummataas gubuun gara magaalaatti deebi’uu ajajaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Baha Oromiyaa gabaaseera.
Imalli Bilisummaa fi Walabummaaf godhamu osoo hin sharafamne hanga galma ga’utti jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

