ONM-ABO Muddee 24, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Hambaa aanoolee godina Arsii aanaa Martii ganda Wataroo-Diinoo keessatti waraana faashistii PP Abiy Ahimediin hogganamu kan maqaa sakatta’a WBOtiin socho’a turte haxxee itti hidhuun du’aa fi madoon adabe.
Kaleessa Muddee 23/2O23 cibraan hambaa aanoolee aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo iddoo addaa Ittisaa jedhamuttii waraana bilxiginnaa maqaa sakatta’a WBOtiin socho’aa turte irratti tarkaanfii haxxeen fudhateen 15 battalatti ajjeesuun 20 ol madoon adabee sagantaa ishee fashaalsuun gargar facaasee jira.
Loltoonni PP lola haxxee korommiiwwan gaara Cilaaloon erga facaateen booda walitti deebi’uun reeffaa fi madoo ishee gurraattee ardaa Diinootti galuun tarkaanfii haaloo uummata nagaa irratti fudhattee jirti.
Turki irraa dirooniin bitamus, Gamtooma Imireetota Arabaa irraa qawween ammayya’aan galuufis baajeta waraanaa biliyoona kudhaniin ramadnaan doorsisa gadhiisanis jajjabeen WBO aduu keessa akka biqilaa hafuu hin dhiisne.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

