• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Wataroo Diinoo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Dec 24, 2023

ONM-ABO Muddee 24, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Hambaa aanoolee godina Arsii aanaa Martii ganda Wataroo-Diinoo keessatti waraana faashistii PP  Abiy Ahimediin hogganamu kan maqaa sakatta’a WBOtiin socho’a turte haxxee itti hidhuun du’aa fi madoon adabe.

Kaleessa Muddee 23/2O23 cibraan hambaa aanoolee aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo iddoo addaa Ittisaa jedhamuttii waraana bilxiginnaa maqaa sakatta’a WBOtiin socho’aa turte irratti tarkaanfii haxxeen fudhateen 15 battalatti ajjeesuun 20 ol madoon adabee sagantaa ishee fashaalsuun gargar facaasee jira.

Loltoonni PP lola haxxee korommiiwwan gaara Cilaaloon erga facaateen booda walitti deebi’uun reeffaa fi madoo ishee gurraattee ardaa Diinootti galuun  tarkaanfii haaloo uummata nagaa irratti fudhattee jirti.

Turki irraa dirooniin bitamus, Gamtooma Imireetota Arabaa irraa qawween ammayya’aan galuufis baajeta waraanaa biliyoona kudhaniin ramadnaan doorsisa gadhiisanis jajjabeen WBO aduu keessa akka biqilaa hafuu hin dhiisne.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading