ONM-ABO Muddee 15, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun Zoonii Kibba Bahaa keessatti diina wal irra naqee jira.
Haaluma kanaan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo iddoo addaa Ittisa jedhamutti kaleessa Muddee 14, 2024 Cibraan Hambaa Aanolee waraana faashistii Abiy Ahimed sakattaaaf bobbaate irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun 68 battalatti irraa ajjeessuun 84 ammoo madoon adabee jira.
Abdiin sabaa WBOn akeekni qabsoo bilisummaa Oromoo hanga galma geessuutti dantaa fi sadoon kaayyoo irraa hin deebi’u jechuun lubbuu isaa tokkitti osoo hin mararsiifanne kennee dirree irraa diina kuffisuun akeeka diinaa fashaleessee injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

