Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Arsii bahaa aanaa Martii keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Sadaasa 17, 2023

Kaleessa Sadaasa16 gootichi waraana bilisumma Oromoo WBOn zoonii kibba bahaa Oromiyaa cibraan Hambaa Aanolee godina Arsii bahaa aanaa Martii ganda Wataaroo Diinoo bakka adda Balcii jedhamutti waraana faashistii PP maqaa araaraa da’oo godhachuun sakattaa WBO jedhuun miidhaa uummata Oromoo irratti bobbaate daandii guddicha Adaamaa fi aanaa Martii magaalaa Aboomsaa wal quunnamsiisu irratti haxxee itti  hidhuudhaan tarkaanfii fudhateen loltoota 23 ajjeesuun 11 madeessee jira.

Loltoota faashistii PP lubbuun darban sana keessaa 17 battalumma dirree lolaa irratti du’uun magaalaa aanicha iddo addaa Karchallee cinaaa laga Arbaa jedhamutti awwalamaniiru.

Loltoota 11 mada’an keessaas loltoota 8 ammoo mana yaalaa mooraa Martii jedhamu keessatti osoo yaaliin godhamaafii jiru du’uu odeessi keessoo isaanii nu qaqqabe ni addeessa.

Waraanni abdii kutataan Abiy Ahimed sababa Waraanni Bilisumma Oromoo guyyaa kaleessaa daandii gubbaatti urgufaa ooleef namootaa nagaa irratti dararaa cimaa geggeessaa jiru.

Guyyuma  kaleessaa mana nama maqaan isaa Kadir Saf’oo jedhamuu battalumma sanatti gubuun namootaa 12 bakka lolli itti geggeeffame cinaa jiran isintu odeessa kenneef jechuun irratti dhukaasanii ari’anii qabuun erga reebicha irratti raawwataniin booda mana hidhaatti guuranii jiru.

Dararaa fi miidhaan murni faashistii PP  maqaa araara jedhu kana da’oo godhaachuudhaan qajeelfama waraanaa isaatti kennee Waraana Bilisummaa Oromoo ni awwaallaa jechuun  dhaadannoo sobaan socho’u kun umrii kufaatii isaa kan saffisiisuu malee kan uummata kana qabsoo irraa duubatti deebisu akka hin taane jiraattotni yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniiru.

Exit mobile version