ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024
Korommiiwwan WBOn Zoonii Kibbaa Baha Oromiyaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda magaalaa Abboomsaa iddoo lamatti kaleessa Waxabajjii 29 tarkaanfii fudhateen diina watwaachisee jira.
Warqiileen Oromiyaa aanaa Martii ganda Gaado-Gaaddullaa fi ganda 02 keessatti waraana sirna bututaa suphuuf magaalaa keessa yaatee uummata nagaa hiraarsaa turte mooraa isheetti itti marsuun tarkaanfii irratti fudhateen 13 ajjeessee 5 madeessuun tikoota isaanii lama lola keessatti booji’uun qawwee AKM 2 fi SKS 1 irraa hiikeera.
Tarkaanfii kana baaraguun loltoota WBO dheessan keessaa 3 qawwee fi hidhannoo gatuun achi buutee dhabamuu isaanii odeessi keessoo PPti ba’e ni addeessa.

