Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti manneen uummataa guban

ONM-ABO Sadaasa 8, 2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Watticha Dolee iddoo addaa Qarbatee jedhamuun beekamtu karaa gurraacha magaalaa Abboomsaa geessu irratti tarkaanfii fudhateen lukkeelee diinaa du’aa fi madoon adabee ture.

Tarkaanfiin kun akkaan kan isii rifaasisee fi jaleen isaan sochoosan tarkaanfii kanaan waan jalaa miidhamaniif guyyaa kaleessaa Sadaasaa 7, 2023 eegaluun manneen  uummata nagaa gubaa fi uummaticha hiraarsaa jiru.

Gocha kana kan raawwataniifis akka haaloo bahachuu fi diinummaa ummaticha irraa qaban mul’isaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, hattoota murni maafi’aa PP ijaaree bobbaaseen qe’een Oromoo barbada’aa jira.

Gochi badii PP kun Oromiyaa mara keessatti haaraa kan hin taane yoo ta’u, tibba kana aanichuma magaalaa Abboomsaa keessatti mareen isaan ta’aa turan akkaataa itti uummata Oromoo saaman, ajjeesan, qabeenya mancaasanii fi buqqisan irratti karoorfataniin ba’uu odeessi keessoo isaanii nu qaqqabe ni addeessa.

Kanaan wal qabatees humnootni badii kun guyyaa kaleessaa ardaa Hancaaraa fi Leeqichoo keessaa mana uummataa gubaa, qabeenya isaanii barbadeessaa fi uummataa reebichaan goolaa turuun barameera.

Haa ta’u malee gochi murna abbaa irree uummata Oromoo hidhuu, ajjeesuun fi qabeenya jalaa barbadeessu, mana irratti gubuu fi hiraarsuu qabsoo bilisummmaa ni finiinsa malee duubatti waan hin deebisneef uummatni keenya jabaatee falmaa isaa bira dhaabbachuu qaba jechuun odeessi maddeen aanaa Martii irraa nu qaqqabe ni ifoomsa.

Exit mobile version