Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Arsii bahaa aanaa Martii keessatti namoota nagaa ajjeesuun manneenis guban

ONM-ABO Muddee 25, 2023 

Waraanni murna goolessituu PP godina Arsii bahaa aanaa Martii keessatti Muddee 23, 2023 dubartii arma aannanii osoo hin hafne ajjeesuun manneenii fi gombisaa uummataa gubaniiru.

Waraanni harka dhiigaa rasaasni isaa lammiilee nagaa rukuchuun beekamu kun ganda Waataroo Diinoo Ardaa Xixichoo keessatti namoota nagaa lama ajjeesan.

Namootni ajjeefaman kunis Imaama Masjiidaa Sheek Ibraahim Maammaa fi Jamaal Abdallaa Boruu yoo ta’u, namootni lama kan qabamanii achi buuteen isaanii dhabaman Dheekkoo Qaasim fi Huseen Daadhii ta’uun barameera.

Aanichuma Ardaa Diinoo keessatti manneen namoota obbo Tolaa Galatoo Waaqayyoo, Ayyaanoo Roobaa Galatoo, Aabbuu Ayyaanoo Roobaa fi Guutoo Ayyaanoo Roobaa gubanii Kan barbadeessan yoo ta’u namoota 4 kana jalaa walumaagalatti midhaan callaa kuntaala 60 akka gubate maddeen aanaa Martii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version