ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Uummanni Oromoo qe’een isaa qe’ee gaddaa fi boo’ichaa erga ta’ee kan bubbule ta’us, yeroo ammaa daran hammaachuun namoonni nagaan siyaasa irraa bilisa ta’an dharaan yakkamuun qabeenyaa isaanii ala ta’uu fi ajjeechaa suukkanneessaan irratti raawwatamuun sadarkaa reeffa kaafatanii hin awwaallannerra ga’anii jiru.
Haaluma kanaan Hagayya 9, 2024 aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo araddaa Baqqullaa jedhamutti waraanni bilxiginnaa maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaate qe’ee uummataa keessa jooruun mucaa waggaa 14 maqaan isaa Abduramaan Roobaa Garbii jedhamu mana abbaa isaa keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta’een qaama isaa guutuu rasaasaan cicciruun ajjeessuun, guyyaa guutuu akka achii hin kaasne reeffa isaas lafatti eegaa erga oolaniin booda aduu fi roobaan reeffi isaa dhaanamaa oolee halkan dhoksaadhaan kan fudhatame ta’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kana malees kaleessa Hagayya 10, 2024 waraanni bilxiginnaa sirna nam-tokkee tiksuuf dhamaatu ganama barraaqaan mana hawaasaatti marsuun ganduma Wataroo Diinoo araddaa Baqqullaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Gabii Gannaa Hajiichaa jedhamu abbaa ijoollee lamaa mana isaa bananii yoo inni gadi ba’u gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan yoo ta’u, maatii isaas maaliif boossan isiniinuu itti isin daballa jechuun doorsisaa turuu maddeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

