Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa miidhaa ilmaan Oromoo godina Arsii bahaa aanaa Martii irraan ga’u hammeesse 

ONM-ABO 4 Bitootessa 2023

Murni faashistii PP qe’ee Oromoo lafa horii itti qalan, bakka hidhaa, godaansaa, saamichaa fi boo’ichaa erga taasisee bubbuleera.

Teessoo isaa Finfinnee qofatti kan jabeeffate bilxiginnaan guutuu Oromiyaatti bulchiinsa dirqamaa, isaa diriirsee uummata cafaqee bulchuuf waraana bobbaaseen ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irratti dararaa jira.

Godina Arsii bahaa aanaa Martii gandoota garaagaraa irraa ilmaan Oromoo jumlaan qabanii hidhaa, reebichaa fi saamicha irraan ga’aa jiru.

Aanicha keessatti miidhaan maqaa deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun uummata irra ga’u jabaachuun namootni baay’ee ergamtoota bilxiginnaan lubbuu dhabu.

Guyyaa kaleessaa Bitootessa 3, 2023 waraanni faashistii PP namoota konkolaataa paatiroolii waraanaan qabanii deemaa turan 8 rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version