ONM-ABO Fulbaana 21, 2023
Caasaan waraana faashistii PP kanneen ilmaan qonnaan bultootaa humnaa fi goyomsaa qe’ee isaanii qabamanii hidhamaniin ijaarame, akeekaa fi kaayyoon sirnichaa saboota adda fo’ee miidhuu, keessaayuu miidhaa guddaa sirnichi Oromoo irraan ga’aa jiru ilmaan Oromoo sirnicha keessa jiran balaaleffachuun qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis kaleessa Fulbaana 20, 2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii bahaa aanaa Martii keessa socho’utti makamee jira.
WBOn zoonii kibba bahaa Cibraan Ambaa Aanolee miseensa waraana bilxiginnaa duraanii kana qawwee AKM 1, boombii 2, rasaasa 200 fi hidhannoo 1 waliin simatee jira.
Ilmi Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ture kun, humnaan qe’ee isaa irraa qabamee gara waraanaa akka deeme himuun, sirnicha keessatti olaantummaa Amaaraa fi jibbamuu Oromoo hubachuun akka keessa ba’e dubbateera.
Dhuma irrattis miseensi waraana bilxiginnaa aanaa Martii mooraa koomaandoo keessaa ba’e kun ilmaan Oromoo achitti hafanis qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti akka makaman dhaamsa dabarseera.

