Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko Arsii bahaa aanaa Martii keessatti qawwee  fi hidhannoo 2 waliin WBOtti harka kennate

ONM-ABO Fulbaana 18, 2023

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sirna PP ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu itti fufanii jiru.

Haala kanaanis har’a Fulbaana 18, 2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko godina Arsii bahaa aanaa Martii mooraa koomaandoo irraa qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO zoonii kibba bahaatti makamee jira.

Miseensi waraana bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’e kun qawwee Turkii 2, hidhannoo 2, boombii 2 fi rasaasa 500 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Mooraa waraana bilxiginnaa dhukkuba sanyummaan qabamuun hacuccaa garmalee ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiraniin sirnicha gadhiisanii qawwee fi hidhannoo WBOtti makamaa akka jiran kan kaase miseensi kun, anis achi keessatti wareegama gatii hin qabne baasu irra qabsoo saba kootti makamuu naaf wayya jedheen dhufe jechuun warreen achi keessatti hafaniifis dhaamsa kottaa saba keessaniif qabsaa’aa jechuun erga dabarseera.

Exit mobile version