ONM-ABO Hagayya 2, 2024
Waraanni bilxiginnaa uummata nagaa badii tokko malee maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun ajjeesuuf hidhuu akkasumas, qabeenyaa hawaasaa saamuu jabeessan.
Haaluma kanaan aanaa Martii ganda Gorobaa keessatti guyyaa kaleessaa Hagayya 1, 2024 waraanni bilxiginnaa uummata nagaa irratti Bireenii dhukaasuun mana keessaa yoo ari’an, nama lama osoo isaan mana isaanii dura taa’aa jiranii waan isaan Oromoo ta’an qofaaf gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Maqaan namoota balbala mana isaanii duratti ajjeefamanii kunneen; Obbo Yaasin Said abbaa ijoollee lamaa fi dhalataa aanaa Jajuu ganda Shambadoo kan ta’e daa’ima umurii 8 maqaan isaa Abullakiim Abdallaa jedhamus manuma Obbo Yaasin duratti ajjeesuu jiraattotni dubatu.
Namoota naannoo sana turanis akka isaan reeffa hin kaafneef irratti dhukkaasuun kan ari’anii fi maallaqa rasaasa ittiin ajjeefne dursa kaffalaa jechuun maatii namoota kanaa hiraarsaa jiraachuus madeen ifoomsaanii jiru.
Gara jabeenyi murni bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti akkuma dabalaa deemu, uummanni nagaanis ajjeefamee reeffi isaa illee kabajaan akka hin awwaalamne gochuu bira darbee lubbuu namaa erga galafatanii booda maallaqa rasaasaa jechuun dhiiga namaan qoosaa akka jiran kan beekamuudha.

