Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP, godina Lixa Wallagga aanaa Mana-Sibuutti maanguddoo tokko ajjeesuun beekame

ONM-ABO Hagayya 21, 2024

Dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasee umurii aangoo isaa waan dheereffatu kan itti fakkaatu mootummaan nama nyaataan Bilxiginnaa goleelee Oromiyaa mara keessatti sababa garaagaraa itti maxxansuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu cimsee itti fufeera.

Hagayya 19, 2024 waraanni maafiyaa impaayera Itiyoophiyaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu Bulchiinsa magaalaa Beenguwaa ganda Waannashaa Daabbus jedhamutti abbaa ijoollee sadii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Mitikkuu Dirribaa jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya himanitti, ”maanguddoon kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qaban ta’us osoo isaan balbala mana isaanii dhaabbatanii bilbila haasa’anii ‘Waraana Bilisummaa Oromoof odeeffannoo laatta’ jechuun badii tokko malee akka bineensaatti itti dhukaasuun ajjeesan” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version