Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa maanguddoo tokko ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 10, 2024 

Gocha gara jabinaa uummata nagaa irratti raawwachuun gammachuu kan isaaf laatu waraanni maafiyaa imphaayera Itioophiyaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun akka bineensaatti adamsee ajjeesaa jira.

Haaluma kanaan, Hagayya 6, 2024 waraanni sirnichaa Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Eebbisaa Aagasaa jedhamutti “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta” maqaa jedhu itti maxxansuun maanguddoo ganna 62 olii nama maqaan isaa Obbo Baqqalaa Dooyyoo jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya itti dhiyoo jiran himan.

Kana malees, loltoonni safuu fi safeeffannaa hin beekne kun mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa gandichaa diiguudhaan mooraa waraanaa taasifachuu kan himan jiraattonni, yeroo ammaa kana gocha suukkanneessaa qaama biyyan bulcha ofiin jedhuun irra ga’aa jiru nama itti himatan dhabuun gidiraa hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version