ONM-ABO Hagayya 8, 2024
Gocha gara jabinaa uummata nagaa irratti raawwachuun gammachuu kan isaaf laatu waraanni maafiyaa imphaayera Itioophiyaa, Goleelee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkuun akka bineensaatti ajjeesaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan Hagayya 6, 2024 waraanni sirnichaa Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Eebbisaa Aggaasaa jedhamutti Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta maqaa jedhu itti maxxansuun Maanguddoo ganna 42 olii, nama maqaan isaa Obbo Baqqalaa Dooyyoo jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Kana malees Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa gandichaa ammoo diiguudhaan Mooraa waraanaa taasifataniiru kan jedhan jiraattonni naannichaa, yeroo ammaa kana gochi suukkanneessaan qaama biyyan bulcha ofiin jedhuun nurra ga’aa jira, nama itti himannus dhabnee gidiraa hamaa keessa jirra jechuun ONM’tti dubbataniiru.

